Fana: At a Speed of Life!

Sibiilonni qaraxarraa bilisaan galan hojii seermaleessummaaf oolaa jiru-Komishinii Gumurukaa

0 181

Finfinnee, Mudde 26,2011(FBC)-Ityoophiyaatti maqaa invastimantiin sibiilonni qaraxarraa bilisa ta’uun alaa galan hojii seermaleessummaaf waan oolaniif mootummaa galii dhabsiisaa jiraachuu Komishiniin Gumurukaa beeksise.

Ityoophiyaan biyyoota fedhiin oomisha sibilaa olaanaa ta’e keessaa ishee takka.

Mootummaan invastimantii jajjabeessuf abbootii qabeenyaa hoteela fi dame wal fakkaatu irratti hirmaataniif sibiila qaraxa irraa bilisa akka galchan eeyyamuun ni yaadatama.

Haalli kun garuu daran biyya miidhuu Komishiniin Gumurukaa FBC’f ibseera.

Itti Aanan Komishinichaa obbo Mullataa Bayyanaa garee hundeessuun Odiitii taasifameen sadarkaa olaanatti biyya miidhaa kan jiru sibiila qaraxarraa bilisaan galu ta’uu bira gahameera jedhaniiru.

Rakkoo kana furuufis hojjetamaa jiraachuu obbo Mullataan himaniiru.

Comments
Loading...