Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi Ministeera Ittisaa waliin hojjechuuf walii galan

0 94

Finfinnee, Mudde 26,2011(FBC)-Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ministeera Ittisaa waliin damee teeknooloojii irratti waliin hojjechuuf walii galan

Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii kan ijaarsisu “haayi Perfoormaansi Siistem” fayyadamuun haal danda’uu fi damee qorannoo irratti waliin hojjechuuf walii galaniiru.

Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa Ministeera Ittisaa teeknooloojin ammayyeessuf waajjirri isaanii deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila fayyaa,qonnaa fi kan biroof keemikaalonni biyya keessa galanii yeroon isaanii irra darbe dhabamsiisufis walii galaniiru.

Ministirra Raayyaa Ittisaa Injiinar Ayishaa Mohaammad dabalatee Ajajaa Olaanaa Intaamaajor Shumii Jaanaaraal Sa’araa Makonniin fi hoggantootni olaanaa mariicharratti hirmaataniiru.

Hoggantootni kunneen waajjira Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii kan daawwatan yoo ta’u,haala walii gala ministeerichaa irrattis ibsi laatamuufii odeeffannoon Ministeerichaa argame ni mul’isa.

Comments
Loading...