Fana: At a Speed of Life!

Gaanaatti waldaan amantii sababa raajii lubaan haleellame

0 203

Finfinnee, Mudde 26,2011(FBC)-Magaalaa guddittii Gaanaa keessatti lubni du’i imaamii dursaa biyyittii faranjootaa 2019tti jechuun erga raajee dargaggoota musliimaa dubbichatti aaraniin waldaan amantii haleelameera.

Dargaggooti kun waldaa Luba Aayzaak Owusu-Bempah haleellaa raawwataniin meeshaan muuziqaa, foddaafi minjaalli hedduun barbadaa’eera.

Hogganaan Imaam Nuuhuu Sharabuutuu haleellaa kana balaaleeffateera.

Sagantaa Muddee 31 irratti Lubni Aayzaak Owusu-Bempah du’a Imaam Sharabuutuu ykn Preezdaantii itti aanaa Gaanaa musliima ta’e Muhaamudu Baawumiyaa dabalatee bara 2019’f raajiiwwaan 18 raaje.

Dargaggoonni Musliimaa tokko tokkoo lubni kun Imaam Sharabuutuu dhiifama akka gaafatuuf gaaffii dhiyeessaniis inni garuu eeyyamamaa hin taane.

Gartuun kun haleellaa isaanii yemmuu meeshaa barbadeessaniifi suuraa Luba Aayzaak Owusu-Bempah lafatti yemmuu dhidhiitan kallattiin fuula Feesbuuki irratti tamsaasaniiru.

Imaam Sharabuutuu namootni raajii kanaan muufatan luba kanaaf dhiifama gochuu qabu jechuun tasgabbiin akka jiraatuuf gaafataniiru.

Gaanaan biyya hedduuminaan Kiristaanaa taateefi seenaa walitti bu’iinsa amantaa hin qabneedha.

Afrikaa keessatti raajootiin Kiristaanaa ofiin of muudani taateewwan gurguuddoo kan akka du’a namoota beekamoo raajan, hordooftoota hedduu qabu.

Madda:BBC

Comments
Loading...