Fana: At a Speed of Life!

Dhibee kaansarii afuuran adda baasuf yaalin eegaluufi

0 192

Finfinnee, Mudde 26,2011(FBC)-Dhibee kaansarii garaa garaa afuuran adda baasuf yaalin eegalamuu ibsame.

Dhibeewwan garaa garaa foolii qaaman akan adda bahan ta’uun qorannoon addeessee jira.

Qorattootni biyya Ingiliiz kaansarii afuuran adda baasuf yaalii taasisaa jiraachuu beeksisaniiru.

Sadarkaa yaalitti ni eegalama kan jedhame yoo ta’u,namoota garaa garaa irraa fakeenya fudhachuun ta’a.

Qorannoon kun qorannoo dhiiga fi fincaanii cinaatti dabalataan kan raawwatamuudha jedhame.

Kunis dhibeen kun akka hin babal’annee fi miidhaa biraa hin geechisneef gargaara.

Kana biras darbee yaalin kun bu’a qabeessa yoo ta’e dhukkabstootni wal’aansa barbaachisa yeroon akka argataniif fayyada.

Qorannoo yaalii kanaaf namoota kuma 1 fi 500 irraa afuurri ni fudhatama jedha gabaasichi.

Madda:BBC

Comments
Loading...