Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi hidha haaromsaa xumuramuun kabaja biyyaalessaati-Dr.Injiinar Silashii Baqqalaa

0 155
Finfinnee, Mudde 25,2011(FBC)-Dhimmi ijaarsa hidha haaromsaa xumuruu kabaja biyyaalesuummaan wal qabata jedhan Ministirri Bishaan Albuuda fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa.
 
Ministirichi haala qabatamaa hidhi Haaromsaa irra jiru Mana maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessaniiru.
Ityoophiyaanota ala jiraatan irraa Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 46 walitti qabamuu eeraniiru.
 
Gabaasa dhiyeessan irratti ijaarsichi harkifachuuf muuxxannoo dhabuun,barachuuf qophaa’ummaan dhabamuufi rakkoolee muudataniif deebii hatattamaa laachuu dhabuun rakkoo ture jedhameera.
 
Akkasumas meeshaalen biyya keessatti oomishaman qulqullina dhabuu,tarbaayinaroonni iddoo adda addaa bittinna’anii argamuun bulchiinsaf rakkasiaa ta’uu ka’eera.
 
Hidhi haaromsaa bara 2013tti humna akka maddisiisufi bara 2015tti akka xumuramuuf hojjetamaa jira jedheera gabaasichi.
 
Hawaasnis hirmaannaa isaa gama hundaa cimsee akka itti fufu gaafatameera.
 
Waggoottan 7 darbanitti qonnaan bulaan hojii misooma sululaan bu’aan argame gaarii ta’uu gabaasichi eeree jira.
Comments
Loading...