Fana: At a Speed of Life!

Hoospitaalli Caancoo ebbifame

0 145
Finfinnee, Muddee 25,2011(FBC)- Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti Hoospitaalli Caancoo Birrii miiliyoona 70 oliin ijaarrame ebbifame.
 
Hoospitaalichi har’a bakka itti aantuun preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa aadde Xayibaa Hasan, hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, bulchaan godinichaa obbo Musxafaa Abbaasimalii fi keessummoonni biroo argamanitti ebbifameera.
 
Ijaarsaa fi meeshaa yaalaa guutuuf Birrii miiliyoona 70 ol fixuusaa Dooktar Darajjee Dhugumaan himaniiru.
 
Hanqina hoospitaalichaa; keessattuu gama meeshaa fi ogeeyyiin jiru yeroo gabaabaa keessatti furuuf kan hojjetamu ta’uu kan waadaa galanimmoo aadde Xayibaa Hasani.
Comments
Loading...