Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan intarneetii 5G fayyadamuun kan jalqabaa ta’uufi

0 181
Finfinnee, Mudde 25,2011(FBC)-Ameerikaan teeknooloojii intarneetii dhaloota shanaffaa “5G” fayyadamuun biyya jalqabaa ta’uufi.
 
Bara faranjootaa 2019 kurmaana 2ffattii teeknooloojii kana fayyadamuuf biyyattiin kan karoorfatte yoo ta’u, kunis biyya jalqaba “5G” fayyadamte ishee taasisa jedhameera.
 
Ameerikaatti aansunis Biritaaniyaa,Jarman,Siwiizarlaand,Chaayinaa,Kooriyaa Kibbaa fi Awustiraaliyaan biyyoota itti fufiinsa wal duraa duuban teeknooloojii kana fayyadamuuf qophaa’an ta’uu himameera.
 
Teeknooloojin ku yeroo hojiirra ooletti roobootii industirii,kaameerawwan nageenyaa,xiyyaarotaa fi konkolaattota nama malee socha’an daran ammayyeessun dhiibbaa akka geechisu eeggama.
 
Daldala on laayinii,walitti hidhamiinisa miidiyaa hawaasummaa fi appilikeeshinii bilbiloota ammayya’aa haala nama ajaa’ibuun ni ammayyeessa jedhameera.
 
4G fayyadamuun viidiyoo tokko buusuf daqiiqaa 6 kan fudhatu 5G garuu sakondii 17tti gadi buusa.
 
Bilbila ammayyaa teeknooloojii kana keessummeessu dhaabbanni Saamsaangii oomisha yaalii kan eegale yoo ta’u,Ayifoonin hanga bara 2020tti akka hin oomishne beeksiseera.
 
Madda: Niiwuyoork Taayimsi
Comments
Loading...