Fana: At a Speed of Life!

Zhii Jiinpiing Taayiwaan Chaayinaadhan walitti makamuu qabdi jedhan

0 143

Finfinnee, Mudde 24,2011(FBC)-Preezdaantin Chaayinaa Zhii Jiinpiing ummatni Taayiwaan dirqama gara Chaayinaatti deebi’uu qabdi jedhaniiru.

Beejing waamicha nagaa tokkoomuu biyya tokko garuu sirna lamaan bulan kanaaf taasistee jirti.

Kana ta’uu baannan Preezdaant Zhiin Chaayinaan humna fayyadamuu akka dandeessu akeekkachiisaniiru.

Taayiwaan ofiif of bulchaa jirturree hanga yoonaatti birmadummaa ishee akka hin labsine himameera.

Lamaanuu hortee Chaayiniiziti,Taayiwaan birmadummaa kiyyan kabachiisa jechuun seenaa du’eedha jedhan Zhiin.

Ummatni Taayiwaan kan beekuu qabu fottoquun rakkoo hammataa qaba kan Zhiin,qaamni gocha kana jajjabeessu kamiifuu hin obsinuu dhaamaniiru.

Tokkoomun garuu ummata Chaayinaaf dhimma filannoo hin qabaanne ta’uu addeessaniiru.

Dhimmi hariiroo Taayiwaan siyaasa keessoo keenyati waan ta’eef qaamni alaa harka galfachuu barbaadu tasumalle hin obsinuuf jedhaniiru preezdaant Zhii Jiinpiing.

Qaama gedduu keenya seenu kamirrattuu tarkaanfii barbaachisaa kan fudhatan ta’uu irra deddeebin akeekkachisaniiru.

Taayiwaan bara faranjootaa 1950 irraa eegaltee sirna demokiraasin of bulchuu eegalte.

Madda: BBC

Comments
Loading...