Fana: At a Speed of Life!

Obbo Nigusuu fi obbo Kaasaahuun hogganaa fi itti aanaa Prees Sakreetarii ta’an

0 221

Finfinnee, Mudde 24,2011(FBC)-Obbo Nigusuu Xilaahun itti gaafatmaa, obbo Kaasaahuun Goofee itti aanaa itti gaafatamaa Prees Sakreetarii Waajjira Muummee Ministiraa ta’uun muudamaniiru.

Muudamicha kan laatan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadi.

Obbo Nigusuu Xilaahuun miseensa koree giddu galeessa Paartii Demokraatawa Amaaraa yommuu ta’an, naannoo Amaaraatti sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti hogganaa Biiroo Aadaa fi Tuiriizmii ta’anii hojjechaa jiru.

Obbo Kaasaahuun Goofee miseensa koree giddu galeessaa Oromoo Demokraatiik Paartii yommuu ta’an, ministir deettaa Ministeera Misooma Magaalaa fi Koonistiraakshinii ta’anii hojjechaa jiru.

Baatiiwwaniin dura Biillanee Siyyuumii fi Heelan Yooseef itti gaafatamtuu fi itti aantuu Prees Sakreetarii ta’uun muudamuun isaanii ni yaadatama.

Comments
Loading...