Fana: At a Speed of Life!

Atleetonni Chaayinaa Sandaafaatti shaakallii hojjechuu eegalan

0 136
Finfinnee, Muddee 24,2011(FBC)- Atleetonni Chaayinaa fageenya dheeraa fi jiddugaleessaa fiigan Ityoophiyaatti shaakallii isaanii hojjechaa jiru.
 
Shaakallichis qaama qophii dorgommii Olompiika Tookiyooti jedhameera.
 
Gareen atleetota Chaayinaa kun leenjisaa lammummaan Ityoophiyaa ta’an Haji Adiilloon hogganama.
 
Federeeshiniin Atleetiksii Chaayinaa leenjisaa Haji Adeelloo amma dorgommii Olompiika Tookiyoo 2020tti leenjistummaan mindeessun isaa ni yaadatama.
 
Atleetonni Chaayinaa kanneenis kaleessaa eegalee shaakallii isaanii Sandaafaatti jalqabaniiru.
Comments
Loading...