Fana: At a Speed of Life!

Appilikeeshinoonni Andirooyidii eeyyama maamiltootan ala odeeffannoo gara feesbuukitti kan ergu ta’uu qorannoon agarsiise

0 162
Finfinnee, Mudde 24,2011(FBC)-Appilikeeshinoonni Andirooyidii eeyyama maamiltootan ala odeeffannoo gara feesbuukitti kan ergu ta’uu qorannoon agarsiise.
 
Qorannoon bilisummaa odeeffannoo dhuunfaa idil addunyaa akka mul’isutti bilbiloonni ammayyaa pileey istoorii keessatti argaman 20 Appilikeeshinoonni Andirooyidii eeyyama maamiltootan ala odeeffannoo gara feesbuukitti kan ergan ta’uu barameera.
 
Eeyyama maamilaa malee erguun bilisummaa odeeffannoo dhuunfan kan walitti bu’uudha jedhameera.
 
Appilikeeshinoota kanneen keessayis Kayaak,tiraap Adivaazaar fi hoji barbaadan keessatti argamu jedhameera.
 
Keessattuu appilikeeshiniin ka’umsa magaala balallii,baay’ina tikkeettii fayyadamanfi odeeffannoo biraa gara feesbuukitti kan ergu ta’uun himameera.
 
Haalli kun seera yeroo dhiyoo biyyootni Awurooppaa baasan eegumsa odeeffannoo dhuunfaa kan cabsu ta’uu himameera.
 
Madda : Indaayaans Eeksipaarti.com
Comments
Loading...