Fana: At a Speed of Life!

Primiiyar Liigii Ingiliziin tapghoonni xumura walakkaa jalqabaa guyyoota sadan kana ni gaggeeffamu

0 204

Finfinnee, Mudde 23,2011(FBC)-Primiiyar Liigii Ingiliziin tapghoonni xumura walakkaa jalqabaa guyyoota har’a irraa eegalee guyyoota lamaan  itti aananiif ni gaggeeffamu.

Haaluma kanaan har’a taphni sadi kan gaggeeffamu yoo ta’u,Evaartan Leestarsiitii sa’aatii 9:30 irratti,Arseenaal Fuulhaam sa’aatii 12:00 irratti fi Kaardif Siitin Tootnaham sa’aatii 1:30 irratti kan simatan ta’a.

Guyyaa boruus taphoonni 6 sa’aatii wal fakkaataa 4:45 irratti gaggeeffamu.

Kamisa taphni cimaan torbee kanaa Maanchister Siitii fi Liivarpuul gidduutti gaggeeffamu kan eeggamuudha.

Liigicha Liivar Puul qabxii 54 kan duursu yoo ta’u,Maanchister Siitii,Tootnaham fi Cheelsiin wal duraa duuban qabxii 47,45 fi 43 sadarkaa 2ffaa hanga 4ffaa qabatanii jiru.

Haadis Fiild,Fuulhaam fi Barnileey sadarkaa dhumaa qabataniiru.

Taphni liigichaa walakkaa xumuraa torbee dhuftu kan eegalu ta’a.

Comments
Loading...