Fana: At a Speed of Life!

Hoospitaala Qobbootti haati takka daa’imman 4 deesse

0 177
Finfinnee, Muddee 23,2011(FBC)-Raayyaa Qobbootti haati takka daa’imman 4 deesse.
 
Aadde Sisaay Raayyaa Qobbootti jiraattuu aanaa Araqwaateeti.
 
Lakkuu dhaluun baramaa ta’us aadde Sisaay daa’imman 4 ulfa tokkoon argatteetti.
 
Aadde Sisaay Hoospitaala Qobbootti hordoffii taasifamaafii tureeni Sanbata darbe nagayaan kan da’an.
 
Arfan keessaa 1 dhiira, sadan hafan ammoo durba.
 
Daa’imman sadi nagaya ta’uu kan beeksise hoospitaalichi; tokkoof hordoffiin yaalaa taajsifamaa jiraachuun eerameera.
 
Aadde Sisaay daa’imman arfan guddisuuf humna akka hin qabaatin da’umsaan booda himanii, deeggarsa gaafataniiru.
Comments
Loading...