Fana: At a Speed of Life!

Mucaan tullaa cabbii jalatti ukkaamfamee daqiiqaa 40 booda lubbuun argame

0 190

Finfinnee, Mudde 19,2011(FBC)-Mucaan waggaa 12 daqiiqaawwan 40f gaarreen Faransaay cabbiin uwwiifaman jalatti tullaa cabbiin awaalamee ture lubbuudha argame.

Mucaan maqaan isaa hin eeramne kunis maatii isaa waliin cabbiirraa sigiigoo xabachaa kan ture yoo ta’u, erga bakka hayyamamee keessa baheen booda tullaa cabbii jigeen rukkutame.

Booda garuu gargaarsa saroota poolisiin naannichaa fidanii taasifamee lubbuun argamu danda’eera.

‘Cabbii jalatti erga ukkaamsamanii booda carraan lubbuun jiraachu tarii daqiiqawwan 15 booda baay’ee gadaanaadha.

Haa ta’u malee mucaan balaan mogolee cabu qofti irra gahe wayita amaatti hospitala naannichaatti wallanamaa jiraachuun barameera.

Madda:BBC

Comments
Loading...