Fana: At a Speed of Life!

Maanchister Siitin yoo moo’amu Liivar Puul injifachuun duursummaa isaa cimsate

0 190
Finfinnee, Mudde 18,2011(FBC)-Piriimiyar Liigii Ingilaandin Maanchister Siitin yeroo lammaaffaaf wal faana yoo moo’amu,Liivar Puul injifachuun duursummaa isaa cimsatee itti fufeera.
 
Tapha piriimiyar liigaa marsaa jalqabaa xumuraan Liivar Puul Niiwukaastil Yuunayited dirree isaatti keessummeessun 4 fi 0 injifatee jira.
 
Liivar Puul galchii ittiin injifate Deejan Loovran,Mohaammad Saalaa,Shaakrii fi Faabiyaanon lakkoofsisaniiru.
 
Maanchister Siitin Leestar Siitin 2 fi 1 wal faana yeroo lammaffaf injifatameera.
 
Joosee Moriinoo kan gaggeesse Maanchister Yuunaayitid Hadirisfiild 3 fi 0 injifateera.
 
Haaluma walfakkaatun Tootnahaam Barniingmaawuz 5 fi 0 injifachuun sadarkaa lammaffaa qabateera.
 
Liigicha Liivar Puul qabxii 51’n 1ffaa,Tootnahaam fi Maanchister Siitin qabxii 45 fi 44 wal duraa duuban sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa qabatanii jiru.
 
Cheelsin qabxii 40 sadarkaa 4ffaa irratti argama.
 
Madda:BBC
Comments
Loading...