Fana: At a Speed of Life!

Dubartiin Arjentiinaa waggaa 38 dura ugguramte gadhiifamte

0 143

Finfinnee, Mudde 17,2011(FBC)-Dubartiin Arjentiinaa akka lakkoofsa faraanjootatti bara 1980 ugguramte Boliiviyaatti argamuun gadhiifamtee jirti.

Dubartiin lammii Arjentiinaa namoota seeraan ala nama daddabarsaniin ugguramtee kan turte yoo ta’u, hojii waloo poolisoonni Arjentiinaafi Boliiviyaa hojjetaniin nagaa gadhiifamtee maatii isheetti deebitee makamuu dandeessee jirti.

Achi buuteen ishee hanga dhiyeenya kanaatti kan hin dhagahamne ta’us, poolisiin eeruu tasaa argatee Kibba Boliiviyaa bakka Bermejoo jedhamtu argamte.

Dubartiin kun amma umuriin ishee waggaa 45 guutte yoo ta’u,Poolisiin mana isheen keessatti ugguramte adda baafachuudhaan isheefi ilmoo dhiiraa ishee umuriin sagalii bilisa baasuu danda’eera.

Maqaan haadhaafi ilama ugguramuu jalaa baafamanii kanaa hanga ammaatti ifa hin taane.

Ibsi poolisii kun waggoota 32 dura butamuu dubartii kanaaf eenyu akka itti gaafatamu ifa hin taasisne.

Madda:BBC

Comments
Loading...