Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonan kilaboota Ityoophiyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

0 108
Finfinnee, Mudde 16,2011(FBC)-Shaampiyoonan kilaboota Ityoophiyaa Finfinneetti har’a irraa eegalee gaggeeffamaa jira.
 
Guyyaa har’aa dorgommiiwwan gulaalli fi xumuraa gaggeeffamanii jiru.
 
Haaluma kanaan;
Meetira kuma 3 dubartootan Masiwaa’it Asmaraa magaala Hawaasa irraa yoo injifattu,Loomii Mullataa magaala Buraayyuu irraa 2ffaa akkasumas Buzaayahu Mahaammad mana sirreessaa Federaalatii 3ffaan xumuranii jiru.
 
Utaalcha dheeraa dubartootan Ariyaat Diiboo Baankii Daldala Ityoophiyaa irraa meetira 5.46,Aluunkaan Damoogaa Buna Sidaamaa irraa meetira 5.28 fi Kiruu Umaan baankii Daldala Ityoophiyaa irraa meetira 5.27 utaalun sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa qabataniiru.
 
Darbannaa diskasii dhiirotaan Lammaa katamaa Buna Sidaamaa irraa meetira 44.72,Hayilee Waradaa makkalakayaadha meetira40.57 fi Gabayyoo Gabrayesuus bankii Daldala Ityoophiyaa meetira 40.57 darbachuun sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa qabachuu isaanii odeeffannoon Atileetiksii Federeeshinii Ityoophiyaa irraa araganne ni mul’isa.
Comments
Loading...