Fana: At a Speed of Life!

Yaanzyii Paalaas diraamaa baay’inaan ‘Google’ godhame ta’e

0 74

Finfinnee, Muddee 15,2011(FBC)-Yaanzyii Paalaas: diraamaa addunyaa kanarratti baay’inaan ‘Google’ godhame ta’uun gabaafame.

Jaalala qaba, akkasumas jibba. Koraa fi haaloo bahumsa. Finciltoota farra baatanii fi ajjeechaa daa’immanii.

Bara kana keessa Chaayinaa keessatti ‘Google’ yeroo baay’ee yoo uggurameyyuu diraamaan Chaayinaa televizyinii ‘Yaanzyii Paalaas’ jedhamu bara 2018tti akka adduyaatti ‘Google’ godhamuun 1ffaa taheera.

Qorannoon xiinxala Google akka agarsiisutti diraamichi biyyoota kan akka Singaapoor, Maalezyiyaa,Biraanii fi Hoong Koongi irraati daawwattoota kan hawwate.

Jaalatamummaan diraamichaa Chaayinaa keessattillee wal-fakkaatadha.

Diraamaan walitti fufaan kuni toora televizyinii iQiyi fi Netflix jedhaman irratti otoo buufatoota TV biyya keessaa hin qaqqabiin al biiliyoona 15 tamsa’eera.

Chaayinaan alatti gabaa 70 caalu harkiseera. Guyyoota 39f walitti aansee ilaalamuun sadarkaa duraarra jira.

Diraamaan Yaanzyii Paalaas kutaa 70 kan qabu yoo tahu, bara 1700 keessa qabsoo aangoo sanyoowwan mootii Qiyaanlog gidduutti taasifamu seenessa.

Qooddattuun gooban-galeettiin lasoo yoo taatu, dubartoota jiran keessaa ol mul’achuu jalqabde , mooticharraayis jaalalaa fi kabaja argatte.

Yaadni ijoo diraamichaa seenaa beekamaa ‘Siindareellaa’ fi ‘Queen Elizabeth II’ waliin wal-fakkaata. Garuu addaa fi achi hafee kan hin qabne tahuun bara kana bashannana tolcheera.

Diraamaa dubaraantummaa(feminist) leellisan fakkaata

Gootni diraamichaa Wii Yiingiloo akka qooddattoota dubartootaa Chaayinaa durii dandeessuu, booji’amtuufi cabduu miti.

Seenichi seenaa dhugaa haadha warraa mootii Qiyaanloong irraa kan ka’u yoo tahu, qooddattuun diraamichaa Yiingiloon sanyii warra Haani dha.

Bulchiinsi Qiyaanloong sanyii warra Maanchuriyaanii fi warra Haanin kan cunqursu dha.

Qaroo, jabduufi ija jabaattuu tahuunshee taayitaa haadha waarraummaa bulchiinsichaa isheef argamsise.

Sanyii warra Haan kuni aangoo guddaadha.

”Yingloo diraamicha keessatti waan jettu keessaa, ” Ani Wii Yingiloo aariin qaba. Eenyuyyuu asii fi achi nan oofu. Uumama kooti.”

Diraamichi yaada dubaraantummaa qabaachuun isa boodan dhufe dha.

Diraamaan Chaayinaa seenaa mootii dubartii himu diraamaawwan waa’ee moototaa seenessan hunda caalera.

 

Madda; BBC

Comments
Loading...