Fana: At a Speed of Life!

Maatin ilma isaanii Kooriyaa kaaban ajjeeffaman beenyaa Doolaara Biiliyoona 1 gaafatan

0 87

Finfinnee, Mudde 12,2011(FBC)-Maatin ilma isaanii mootummaan Kooriyaa kaabaa nu jala ajjeese jechuun himannaa beenyaa Doolaara biiliyoona 1 akka kaffalamuuf gaafataniiru.

Dargageessa  umurii 22 Ootoo Waarmaabiiyeer bara faraanjootaa 2016tti poostarii piroopaagaandaa hojjette jechuun Piyoonyaangitti too’annoo jala oolee ture.

Sana booda murteen waggaa 15 irratti kan murtaa’e ta’us,dhibee sammuuf saaxuilamuun bara 2017tti gara Ameerikaa fudhatame.

Haa ta’u malee guyyaa muraasa booda lubbuun isaa darbee danda’eera.

Sababa kanaan Ameerikaa fi maatiin isaa mootummaan Kooriyaa dargageessa kanarratti sarbama mirga namoomaa guddaa irraan gahan jechuun himachaa turaniiru.

Yeroo ammaa kanatti maatin mucuchaa mootummaan biyyattii beenyaa doolaara biiliyoona 1 akka kaffaluuf kan gaafatan yoo ta’u,kana keessaa miiliyoonni 46 xinsammuu gaddaan maatii irra gaheefa oola jedhameera.

Piyoonyaang gama isheetin dargageessa kanarratti wantin raawwadhe hin jiru jechuun dhimmicha ofirraa ittisaa jirti.

Madda፡-globalnews

 

Comments
Loading...