Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa hidhannoon masaraa mootummaa eeyyama malee seenuf yaalan irratti adabbin darbe ifoome

0 380
 Finfinnee, Muddee 6,2011(FBC)- Ji’a dura miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa hidhannoon guutun masaraa mootummaa eeyyama malee seenuf yaalan keessaa 66 hidhaa cimaa waggaa 5 hanga 14 adabaman.
 
Daareektarri Daarektoreetii Haqaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Mashashaa Araddaa Abukaatoo loltoota fi Abukaatoo Ittisaa waliin ta’uun ibsa kennaniiru.
 
Daareektarichi bakka namoonni 500 ol argamanitti dhaddachi ifaa irratti Manni murtii murtee dabrsuu eeraniiru.
 
Adabbii komaandoo raayyaa Ittisa biyyaa hidhannoo guutun masaraa mootummaa seenan irratti darbe;
 
Himatamaan Tokko hidhaa cimaa waggaa 14
Himatamtoonni Sadi hidhaa cimaa waggaa 13
Himatamtootni 11 hidhaa cimaa waggaa 12
Himatamtootni 12 hidhaa cimaa waggaa 11
Himatamtootni 4 hidhaa cimaa waggaa 10
Himatamtootni 16 hidhaa cimaa waggaa 9 hanga waggaa 9 fi walakkaa
Himatamtootni 2 hidhaa cimaa waggaa 8
Himatamtootni 10 hidhaa cimaa waggaa 7 hanga waggaa 7 fi walakkaa
Himatamtootni 5 hidhaa cimaa waggaa 6 fi ji’a Saddeetii
Himatamaan tokko hidhaa cimaa waggaa 5 adabamaniiru.
 
Kanneen hafan adabbiin bulchiinsaa irratti darbeera.
 
Torbee kana miidiyaalen tokko tokko tarkaanfin fudhatame soba jechuun maqaa Raayyaa xureessuu ta’uu sirreeffamuu hubachiisaniiru.
Comments
Loading...