Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi Koomiishiniin Poolisii Federaalaa fi Intar Pool mari’atan

0 263
Finfinnee, Muddee 5,2011(FBC)- Koomiishinar Janaraalli Koomiishinii Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw barreessaa olaanaa Intar Pool Addunyaa Dooktar Jargan Stookan waliin mari’atan.
 
Ityoophiyaan miseensa Iintar Pool ega taatee waggoota 60 kan lakkoofsiste yammuu ta’u, biyyoota 194 waliin hariiroo gaarii qabaachuu ishee Koomiishinar Janaraal Indaashaaw kaasaniiru.
 
Iintar Pool Ityoophiyaadhaf deeggarsa galtee, leenjii fi teeknooloojii akka taasisu mari’ataniiru.
 
Namoonni yakka dhiibbaa mirga namoomaa raawwatanis eessayyuu dhokachuu akka hin dandeenyerratti mari’ataniiru.
 
Barreessaan olaanaa Intar Pool Dooktar Jargan Stookan gama isaanitiin jijjiirrama Ityoophiyaan irra jirtu dinqisiifatanii, deeggarsa barbaachisaa taasisuuf ni hojjenna jedhaniiru.
 
Namoonni dhiibbaa mirga namoomaa raawwatan eessayyuu dhokachuu hin danda’an jedhan.
Comments
Loading...