Fana: At a Speed of Life!

Atileet Tigist Girmaa maaraatoonii Guwaanzhuu injifatte

0 148

Finfinnee, Mudde 1,2011(FBC)-Atileetin Ityoophiyaa Tigist Girmaa kaleessa Chaayinaatti maaraatoonii Guwaanzhuu injifatte.

Atileet Tigist Girmaa sa’aatii 2 fi daqiiqaa 26 fi sakondii 44 galuun sa’aatii dhuunfaa ishee bareedaa galmeessisuun moo’atte.

Atileetin Ityoophiyaa biraa Zinnaash Dabbabaa sa’aatii 2 fi daqiiqaa 27 fi sakondii 15 galuun 2ffaan xumurtee jirti.

Gama biraan maaraatoonii dhiirotaan atileetin Morookoo Mahaammad Ziiyaanii fi Atileetin Ityoophiyaa Gaaddisaa Shuumee sa’aatii wal fakkaatu sa’aatii 2 fi daqiiqaa 10 fi sakondii 44 galanis teeknooloojii Footoo Finiishiingin Atileet Gaaddisaa Shuumee 2ffaa ta’eera.

Atileetin Ityoophiyaa biraa atileet Baalawu Darrasaa sa’aatii 2 fi daqiiqaa 10 fi sakondii 53 galuun 3ffaan xumuree jira.

Maaraatooniin Guwaanzhuu yeroo 7ffaaf kan gaggeeffame yoo ta’u,Waldaa Federeeshinii Atileetiksii Idil Addunyaan sadarkaa warqee argatee jira.

Comments
Loading...