Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaa atleetiksii qaxxaamura biyyoolessaa Dilbata Sulultaatti gaggeeffama

0 74
Finfinnee, Onkololeessa 30,2011(FBC)- Dorgommiin shaampiyoonaa atleetiksii qaxxaamura biyyoolessaa Dilbata; Sadaasa 2,2011 Sulultaatti gaggeeffama.
 
Dorgommicharratti dubartoonni 92 fi dhiirri 177; walumaa galatti atleetonni 269 ni hirmaatu.
 
Dorgommii Sululta; Kattaa Walalee ganda Walee Lubeetti sa’aa 1:00 kaasee gaggeeffamu kanarratti naannoleen, magaalonnii fi kilboonni ni hirmaatu.
 
Injifattootaf Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa badhaasa Birrii 150,000 qopheessera.
 
Dorgommichis gosoota atleetiksii addaddaa kan hammatedha.
 
 
 
Comments
Loading...