Fana: At a Speed of Life!

Namichi umriisaa waggaa 20n hir’isiifachuu gaafachaa jira

0 105
Finfinnee, Onkololeessa 30,2011(FBC)- Namni umriin isaa waggaa 69 ta’e waggaan 20 akka hir’atu gaafachaa jira.
 
Lammiin Dach; Eemiil Raateelbaand bara dhalootasaa bara Faranjootaa 1949 irraa 1969tti jijjiiruu fedha.
 
Kanas seeran mirkaneeffachuu nan danda’a yaada jedhu qaba.
 
Akka dooktarri natti himeera jedhutti qaamni isaa umrii irra jirurraa kan waggaa 20n hir’atuu fakkaata.
 
Namoonni koorniyaa isaanii geeddaranii saayinsiidhan akka dhalan ni taasifama; anis umrii kiyya akkan xiqqeeffadhu naaf yaa eeyyamamu jedheera.
 
Inni kana haa jedhu malee, qondaaltonni mootummaa umriin isaa akka geeddaramu hin eeyyamneef.
 
Umriin irra jiru hojiirraa sooroma akka isa baasu fi hiriyaa jaalalaa baafachuurrattis daangaa akka itti ta’u ibsata.
 
Carraa hojii hin argadhu; umrii kanaan soorama ba’uutu narra jiraataa laata sodaan jedhu amma jijjiirramee namni waa’eesaa dhaga’e hojii laatefira.
 
Dhimma kana manni murtichaa raggaasisnaafin soorama kanaan duraa dhabuun, carraa hojii argachuu malaan ibsameera.
 
Maddi; https://news.sky.com
Comments
Loading...