Fana: At a Speed of Life!

Kooriidaroonni misooma jallisii 7 naannolee 6tti adda baafamaniiru

0 109
Finfinnee, Onkololeessa 30,2011(FBC)- Kooriidaroonni misooma jallisii 7 naannolee 6tti adda baafamuu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii beeksise.
 
Kooriidarichaan lafti heektaarri kumni 32 ni misoomas jedheera ministeerichi.
 
Misoomichaafis Birrii biiliyoonni 2 ramadameera.
 
Ministirri ministeerichaa Dooktar Injiinar Silaashii Baqqalaan misooma jallisii cimsuuf kooriidariidhan adda baafameet hojjetama jedha, diizaayiniinis qophaa’aa jiraan FBCtti himaniiru.
 
Kooriidaroonni adda baafamanis Oromiyaa, Amaaraa, Kibba, Beenishaanguul Guumz, Afaarii fi naannoo Tigraay akka ta’an himaniiru.
 
Bara baajataa kanattis proojaktoota misooma jallisii 10 misoomsuun yaadameet hojjetamaa jira jedhameera.
 
Kooriidara misooma jallisii 7niin ala proojaktoota 3 jalqabsiisuuf hojjetamaa akka jirus eerameera.
 
Bara kanas ijaarsa misooma jallisii jalqabsiisudhaaf Birrii biiliyoonni 8.6 ramadameera.
Comments
Loading...