Fana: At a Speed of Life!

Imaammanni nuukleeraa Ameerikaan hojiirra oolchuf jettu balaa qaba- Raashiyaa

0 127
Finfinnee, Onkololeessa 30,2011(FBC)- Ameerikaan imaammanni nuukleerarratti hojiirra oolchuuf karoorfatte balaa hamaa akka uumu Raashiyaan akeekkachiiste.
 
Imaammanni nuukleerarratti qabatte addunyaan dorgommii meeshaa waraanaa keessa akka galu waan taasisuuf akka Daabiloos waliin tabachuutti lakkaa’amuu qabas jetteetti Raashiyaan.
 
Imaammatichi Raashiyaa fi Chaayinaa irratti xiyyeeffatee kan qophaa’u ta’uun isaa ammoo miidhaa qabaan akeekkachiistetti.
 
Imaammanni Ameerikaan hojiirra oolchu maleen dhaadattu Raashiyaa fi Chaayinaan meeshaa nuukleeraa xiqqaa akka qabaatan kan daangessuu fi Ameerikaan hedduu akka hidhattu kan kaayyeffatedha jedhameera.
 
Dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Maariyaa Zaakhaaroovaan akka jedhanitti Ameerikaan Raashiyaa dadhabsuuf ta’e jettee hojjechaa jirti.
 
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp nuukleerri yeroo barbaadametti hojiirra oolu, kan gatii salphaatin oomishamu akka hojjetamu imaammata baafachuun isaanii ni yaadatama.
 
Baalastiik miisaa’eloonni aardii qaxxaamuranii fi abidda miisaa’elaa baatan akka oomishamanis karoora keessa galchaniiru.
 
Dorgommiin oomisha nuukleeraa kun ammoo waliigaltee yeroo waraana diilallaa’aa kan cabsudha.
 
Maddi; Press TV
Comments
Loading...