Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan galiin meesha waraanaarraa argatte %13n dabaleera

0 98
Finfinnee, Onkololeessa 30,2011(FBC)- Bara Faranjootaa 2018tti Ameerikaan Doolaara biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 92.3tti meeshaa waraanaa gurgurteetti.
 
Kunis Ameerikaan maallaqni gurgurtaa meeshaa waraanaarraa argattu %13 dabaluusaa agarsiisa.
 
Gurgurtaan meeshaalee; biyyoonni meeshaa bitan takkaa kallattiin warshaalee waliin waliigaluudhan, takkaammoo mootummaa Ameerikaa waliin mari’atamaa taasifame.
 
Dhaabbileen meeshaalee waraanaa oomishan Lookheed Maartiin, Booying, Raayte’oon, Genaraal Daaynaamiik Koorpii fi Noortoorp Gruumaan Koorp galicha argamsiisudhaan ga’ee olaanaa qabu jedhameera.
 
Daballichi kan galmaa’e to’annaan mootummaa laafuu fi waliigalteewwan akka salphaatti taasifamuudha jedhameera.
 
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp gorsaa fi qeeqa mirga namoomaa fi yaada warreen to’annaa meeshaa waraanaa leellasan irra darbuun, gurgurtaan akka ho’u taasiseera.
 
Meeshaa waraanaa gurguruudhan Ameerikaan bara Faranjootaa 199nnii kaasee addunyaa duursaa jirti.
 
Meeshaa waraanaa Ameerikaa bituudhan ammoo Saawdii Arabiyaa kan ga’u hin jiru.
 
Bara Faranjootaa 2017 Saawdiin Doolaara biiliyoona 18n Ameerikaarraa meeshaa waraanaa bitteetti.
 
Kunis boombii fi miisaa’eela.
 
Maddi; Press TV
Comments
Loading...