Fana: At a Speed of Life!

Kaaf Maskaram Taaddasaa itti gaafatamtuu misooma kubbaa miilaa dubrattoota Afrikaa gochuun muude

0 94
Finfinnee, Onkololeessa 29,2011(FBC)-Waldaan Kubbaa Miilaa Afrikaa Maskaram Taaddasaa itti gaafatamtuu misooma kubbaa miilaa dubrattoota gochuun muudee jira.
 
Aadde Maskaram har’a waltajjii Kaaf Gibtsitti taa’aa jiru irratti itti gaafatamummaa isaanii ni fudhatu jedhamee eeggama.
 
Yeroo ammaa kana itti aantuu barreessituu Federeeshinii kubbaa miilaa Ityoophiyaa ta’uun hojjechaa jiru.
 
Kanaan duras duursituu kubbaa miilaa dubartootaa,Seekaafatti shaampiyoonaa dubartootaafi qindeessummaa fi berreessummaan tajaajilaniiru.
 
Kaafis hojii isaan hanga yoonaatti misooma kubbaa miilaa dubartootaa irratti hojjetan bu’uura godhachuun muudama laatef.
 
Aadde Maskaramis ibsa muudama booda kennaniin, kaaf waliin dhimma kubbaa miilaa dubartootaa irratti hojjechuuf haawwii guddaa qabaachuu ibsuun hawwiin isaanii milkaa’uu isaanin gammaduu himaniiru.
Comments
Loading...