Fana: At a Speed of Life!

Doonaald Traamp Abbaa Alaangaa walii gala Jeef Seesson hojiirraa ari’an

0 104

Finfinnee, Onkololeessa 29,2011(FBC)-Doonaald Traamp Jeef Seesson tajaajila hanga yoonatti laattaniif galoomaa jechuun carraa gaarii hawwuufii fuula tiwiitarii isaanii irratti barreessaniiru.

Pirezidaanti Traamp Jeef Seesson dhimma Raashiyaan irratti ejjannoo cimaa hin qabu jechuun irra deddeebiin qeeqaa turan.

Akka Pirezidaanti Traamp jedhanitti Obbo Sesson, miiltoo hojiisaanii kan turan Mattihew Witaker nama jedhamuun yeroof bakka buufamu jedhameera.

Mattihew Witaker Raashiyaa qeequun kan beekkamu ta’uu Preezdaantichi dhugaa bahaniiru.

Madda:BBC

Comments
Loading...