Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti mul’atan furuuf hojjetamaa jira

0 129
Finfinnee, Onkololeessa 28,2011(FBC)-Rakkoolee dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti mul’atan furuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanaa beeksiise.
 
Ministirri Saayinsii fi Barnoota Olaanaa Dooktar Hiruut Waldamaaram Turtii FBC waliin taasisaniin, rakkoo qulqullinnaa barnoota fi kan biroo irratti ka’u sirreessuf karoorri bahee socha’amaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Milkaa’ina karoorichaafis gaheen qaamota hundaa murteessaa ta’uus himaniiru.
 
Barataa namuusa fi gahuumsa qabu horachuuf hoji- maanni diriiree irratti hojjetmaa jiraachus Dooktar Hiruut eeraniiru.
 
Dhaabbilee barnootaa teeknooloojii ceesisuu fi tajaajila hawaasa naannoof kennuuf akka hojjechuu qaban karoora keessatti ta’ee jiras jedhaniiru.
 
Gara fuula duraattis barattootaf waltajjiin si’eessituu garaa garaa fi guyyaan tola ooltummaa itti raawwatan kan jiraatu ta’uu eeraniiru.
Comments
Loading...