Fana: At a Speed of Life!

Niisaan giddu gala isaa Gaanaatti banuufi

0 71

Finfinnee, Onkololeessa 28,2011(FBC)-Dhaabbanni oomisha konkolaataa Niisaan biyya Jaappaan giddu gala oomisha isaa Gaanaatti banuuf akka ta’e beeksiise.

Giddu gala kana banuuf Ministeera Daldalaa Gaanaa waliin walii galtee mallatteessuu hoji gaggeessan dhaabbatichaa Miikee Wiitfiild himaniiru.

Niisaan kanaan dura Afrikaa lixaa Naayijeeriyaatti giddu gala wal fakkaatu kan bane yoo ta’u,gaanaatti banuuf kan jirus giddu gala guddicha nnaannoo sanaa ta’a jedhameera.

Dabalataanis giddu gala gurgurtaa guddaa gaanaatti banuu akka barbaadanis beeksisaniiru.

Ministirri daldalaa Gaanaa Alaan Kiwaadoowu Keermaantan gama isaanitiin,mootummaan giddu gala kanaaf deeggarsa garaa garaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Gaanaatti industiriin galii biyyattii keessaa dhibbeentaa 25 kan uwwiisu yoo ta’u,bara faraanjootaa 2021tti dhibbeentaa 30 gahuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirichi ibsaniiru.

Madda: CGTN

Comments
Loading...