Fana: At a Speed of Life!

Filannoo mana maree Ameerikaa Demokraatonni injifatan

0 161

Finfinnee, Onkololeessa 27,2011(FBC)- Demokraatonni filannoo mana maree koongirasii gadaanu injifatan.

Filannoon akka amma gaggeeffame kanaa filannoon biyyoolessaa ega gaggeeffamee waggaa lamaan booda gaggeeffama.

Filannicha injifachuuf preezdaantiin duraanii Baaraak Obaamaan Demokraatotaaf, preezdaant Doonaald Traamp ammoo Riippablikaanotaaf kakaasii taasisaa turaniiru.

Haata’uutii Demokraatonni filannoo mana maree bakka bu’oota ummataa sagalee caalmadhaan injifataniiru.

Riippablikaanonni Doonaald Traamp ammoo Seeneetii injifataniiru.

Bu’aan filannichaa akka muul’isutti Demokraatonni teessoo mana maree 207 yoo argatan, Riippablikaanonni ammoo 194 argataniiru.

Filannoo Seeneetiin ammoo Riippablikaanonni 51 yoo argatan, Demokraatonni ammoo 43 argataniiru.

Maddi; BBC fi CNN

Comments
Loading...