Fana: At a Speed of Life!

Damma fakkeessuun qopheessaa kan turan to’ataman

0 78
Finfinnee, Onkololeessa 28,2011(FBC)- Magaalaa Finfinneetti damma fakkeessuun qopheessaa kan turan to’ataman.
 
Namoonni kanneen kutaa bulchiinsa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo aanaa 2tti to’annaa jala kan oolan.
 
Waajjirri To’annaa Nyaata, Dawaa fi Kunuunsa Fayyaa kutaa bulchiinsichaa akka beeksisetti, namoonni hojii seeran alaa fayyaa namaa miidhu kanarratti bobba’an kanneen sukkaara, haftee dhagaa cilee, qaruuraa caccabaa fi wantoota hin beekamin walitti makuudhani oomishicha qopheessaa kan turan.
 
Hawaasni hojii seeran alaa akkanaa gaafa shakkuu fi argu eeruu akka laatu gaafatameera.
Comments
Loading...