Fana: At a Speed of Life!

Turmaata buufata gogaa gabaabsuuf hojjetamaa jira

0 98

Finfinnee, Onkololeessa 27,2011(FBC)- Turmaata buufata gogaa guyyoota 47 gara guyyoota 2tti gadi buusuuf hojjetamaa jira.

Hojichis bara 2012tti akka milkaa’u karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ministirri Galiiwwanii beeksiseera.

Loojastiiksidhaan walqabatee mootummaan baasii olaanaa baasaa akka jirus ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebee himaniiru.

Sanaaf ammoo traanziitii guumruukaa ammayyaa’aa qabaachuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Traanziitii guumruukaa ammayyaa’aarratti hojii hojjetamaa jiru ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebee, ministirri Ministeera Geejibaa aadde Daagmaawiit Moogas, hoggansi biroo fi qooda fudhattoonni har’a daawwataniiru.

Comments
Loading...