Fana: At a Speed of Life!

Piyaaniistii muuziqaadhan arboota bashannansiise

0 58
Finfinnee, Onkololeessa 27,2011(FBC)- Piyaaniistiin Briitaaniyaa bineensota bosonaatif meeshaa muuziqaa tabachaa jira.
 
Piyaaniistiin Briitaaniyaa, Pool Baartan jedhamu bosona Taaylaand keessatti bineensota bosonaatif piyaanoo tabachaa jira.
 
Akka inni jedhutti bineensota bosonaa jaalattoota taba meeshaa muuziqaasaa ta’an hedduu ittiin horateera.
 
Piyaaniistichi amma umriin isaa waggaa 57.
 
Umriisaa kanaanis piyaanoosaa bosona Taaylaand; qarqara laga Kiwaayitti geessudhaan arboota dullooman, madaa’anii fi qaamaa miidhamaniif tabachaa jira.
 
Yaadichi kan dhufeef bara Faranjootaa 2011 haadha warraasaa waliin paarkii bineensota bosonaa yoo daawwatu ture.
 
Sagalee muuziqaa piyaanotiin arboonni miira gammachuu addaa agrsiisaa akka jiranis ibsameera.
 
Piyaaniistichi meeshaa muuziqichaa ofumaa tabachuu akka bare, namarra dhageettii fi jaalala kan argate arbootarraa ta’uus ni ibsa.
 
Yeroo inni piyaanoo tabatu arboonni isa marsu. Sagalee meeshaa muuziqaa namatti toluu fi qalbii nama booji’uun ni gammadus jedha.
 
Arboonni taba piyaanoo dhagayan dheeda dhaabaniit, gurra qeensanii gammachuudhan dhaggeeffatu, hiriyummaas cimsadheera jedha piyaaniistichi.
 
Maddi; https://www.news.com.au
Comments
Loading...