Fana: At a Speed of Life!

Gibts hidha Haaromsaarratti waliigaltee ifa ta’e akka barbaaddu beeksiste

0 138
Finfinnee, Onkololeessa 27,2011(FBC)- Gibts hidha Haaromsaarratti waliigaltee ifa ta’e qabaachuu akka barbaaddu preezdaantiin biyyattii Abdulfattaah Al Siisin beeksisan.
 
Hidhichi bishaanin yammuu guutamu ga’een Gibts akka hir’atu hin barbaannus jedhaniiru ibsa kaleessa laataniin.
 
Kanaaf ammoo fedhii gaarii Ityoophiyaatin waliigaltee ifa ta’e qabaachuu ni barbaanna jedhaniiru.
 
Preezdaant Abdul Fattaah Al siisin Ityoophiyaan biyyoota ollaa waliin hidhicharratti gamtoomaa fi iftooman hojjechuuf fedhii olaanaa qabaachuu eeraniiru.
 
Ityoophiyaan hidhichi fayyadamtummaa waliinii mirkaneessuu fi diinagdeeshee utubuudhaf kan hojjetamu ta’uu ibsaa turuun ni yaadatama.
Comments
Loading...