Fana: At a Speed of Life!

Filannoo Ameerikaa marsaa walakkaa gaggeeffamuuf Traamp ergaa dhumaa dabarfatan

0 156
Finfinnee, Onkololeessa 27,2011(FBC)-Preezdaant Doonaald Traamp haasawa deeggartoota isaanif taasisaniin milkiin keenya har’aa galma boru qaqqabuuf kaayyeeffanneef bu’uura ta’a jedhaniiru.
 
Ameerikaan filannoo kanaan teessoo mana mareef kadhimamtoota 435,akkasumas seeneetii 100 keessa 35 kan filattuudha.
 
Preezdaantin Ameerikaa duraanii Baaraak Obaaman fuula tiwiitarii isaanii irratti filannoon gaggeeffamu jireenya keenya keessatti murteessadha,haalli walii gala biyya keenyas korojoo filannoo tanarratti hundoofti jedhaniiru.
 
Filannoon ummatni hundi amma irratti hirmaatu kun preezdaantummaa Traampif murteessadha.
 
Daddeettin inni waggaa lamaan itti aanaan bulchuuf qabuus filannoo kanaan murteeffama jedhameera.
Madda: BBC
Comments
Loading...