Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qoricha talaallii busaa keelloo miliyoona 1.4 gara Ityoophiyaa imalchiisaa jira

0 84
Finfinnee, Onkololeessa 27,2011(FBC)-Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qoricha talaallii busaa keelloof oolu miliyoona 1.45 gara Ityoophiyaa imalchiisaa jiraachuu beeksisee jira.
 
Dhaabbatichi Ityoophiyaa godina Walaayittaatti dhibeen busaa keelloo mul’achuu mirkaneeffatee jira.
 
Dhaabbatichi dhibeen kun muudachuu hordofuun meeshaalee talaallif oolan garasitti imalsiisuu murteesse jedheera.
 
Hordoffii taasifameen dhibee kanaan namootni 10 kan du’an yoo ta’u,namoota kuma 31 oliif talaallin akka barbaachisu barameera.
 
Busaa keellon Ityoophiyaatti bara 1960 keessa kan mul’ate yoo ta’u,waggaa Shan dura namoota 143 miidhuu ragaan ni agarsiisa.
 
Namni dhibee busaa keelloo kanaan qabame boowoo mataa,hoo’insa,deebisuu fi dadhabbiin kan itti dhagahamu yoo ta’u,namni dhibee kanaan qabame guyyaa 7 hanga 10 keessatti wal’aansa yoo hin arganne du’aaf kan saaxilamu ta’uu ogeeyyonni fayyaa ni akeekkachiisu.
 
Madda: Rooyiters
Comments
Loading...