Fana: At a Speed of Life!

Maallaqni seeraan ala dabarfamaa ture qabame

0 259

Finfinnee, Onkololeessa 26,2011(FBC)- Buufata Xiyyaaraa Idil Addynyaa Booletti Doolaarri Ameerikaa kumni 202 fi maallaqni biyyoota addaddaa seeraan ala baafamuuf ture qabame.

Ministeerri Galiiwwanii Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himetti, guyyoottan 22n darbanitti Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booletti to’annaa taasifameen Doolaarri Ameerikaa 202,475 qabameera.

Kanaan ala Yuuroon 16,950, Diraamiin Emmireetota Arabaa Gamtooman 75,400, Paawundiin 2000, Fraankiin Swiiz 6000 fi Birriin Ityoophiyaa 34,800 qabameera.

Comments
Loading...