Fana: At a Speed of Life!

Istaadiyeemii Finfinneetti meeshaan faalama qilleensaa lakkaa’u dhaabbate

0 164
Finfinnee, Onkololeessa 22,2011(FBC)-Waldaan Atileetiksii Federeeshinii Idil Addunyaa Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa waliin ta’uun lakkooftuu faalama qilleensaa istaadiyeemii Finfinneetti dhaabe.
 
Waldaan kun Afrikaadha isa jalqabaa kan ta’e lakkooftuu faalama qilleensaa guyyaa har’aa istaadiyeemii finfinnee keessatti dhaabee jira.
 
Hojiin isaa bakka qaamonni idil addunyaa garaa garaa argamanitti fi preezdaantiin Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa Kumaalaa Hayilee Gabrasillaasee argametti eegalameera.
 
Meeshan akkanaa kun sadarkaa idil addunyaatti biyyoota muraasa keessatti kan argamu ta’uu Kumaalaa Haayilee Gabrasillaasee kan himan yoo ta’u,Ityoophiyaan carraa akkanaa argachuu isheetif sochii atileetiksii irratti qooda olaanaa qabaata jedhaniiru.
Comments
Loading...