Fana: At a Speed of Life!

Qaama miidhamtoota socha’uu hin dandeenye dugunguruu dugdaa buqqisanii dhaabun socha’uu danda’aniiru

0 94

Finfinnee, Onkololeessa 22,2011(FBC)-Qaama miidhamtoota socha’uu hin dandeenye dugunguruu dugdaa buqqisanii dhaabun socha’uu danda’aniiru jedhame.

Buqqisanii dhaabuu kan raawwatan ogeessota Siwiizerlaand yoo ta’an,qaama miidhamtootni 3 of danda’anii socha’aniiru.

Qaama miidhamtootni kunneen waggaa torbaaf teessoo sochootun socha’aa turan jedhameera.

Buqqisanii dhaabuu kanaan meeshan eleektirikaan hojjetu qaama miidhamaa dugunguruu dugdaa keessatti kan galfame yoo ta’u,ergaa sammuu irraa gara miilatti dabarsuu danda’amee jira.

Meeshan elektirikaa kun narvoota miidhan irra gahe akka hojjetu taasiseera.

Walaa’nsa kanaan kan fayye keessaa ga’eessi umurii 30 lammii Siwiizerlaand Daavid Miizii ispoortii yeroo hojjetu miidhan kan irra gahe yoo ta’u, waggaa 7 booda deemuu danda’ee jira.

Buqqisanii dhaabuu dugunguruu dugdaa kanaan namoota miidhaan irra gaheef furmaata ta’uu qorattootni himaniiru.

Madda፦ bbc.com

Comments
Loading...