Fana: At a Speed of Life!

Hind addunyaarraa siidaa guddicha ifoomsite

0 82
Finfinnee, Onkololeessa 21,2011(FBC)- Hind addunyaarraa siidaa guddicha ifoomsite.
 
Siidaan addunyaarraa guddaa ta’e kun Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 30n ijaarrame.
 
Siidaa guddaan kun bulchiinsa dhiha Hind Gujaraatitti kan ijaarrame yammuu ta’u, dheerina meetira 182 qaba.
 
Siidichis yaadannoo hogganaa bilisummaa Hind kan ta’e; Saadar Vaalaabhibihaay Paateelif ijaarrame.
 
Muummeen ministiraa Hind Naareendiraa Moodiin ‘siidaan tokkummaa’ kun akka hawwata tuuriizimiittis ni tajaajila jedhaniiru.
 
Jiraattonni naannichaa garuu siidicha ijaaruuf lafaa fi maallaqni bade hojii misoomaa caalmadhaan ummata fayyadamaa taasisu hojjechuuf ni oolayyuun qeeqaniiru.
 
Siidaa tokkummaa kana Naareendiraa Moodiin bulchaa naannichaa yeroo turanitti bara Faranjootaa 2010 kan eegalchiisanidha.
 
Siidaan ijaarrame ulfaatina toonii 67,000 kan qabu yammuu ta’u, maaldaan tooniin 1850 faayidaarra oolera.
 
Kirkira lafaa akka dandamachuu danda’utti ijaarramuu ogeeyyin himaniiru.
 
Lafti skuweer meetirri 20,000 faayidaarra kan oole yammuu ta’u, Hidoonni 2000 fi Chaayinoonni 200 ijaarsicharratti hirmaataniiru.
 
 
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...