Fana: At a Speed of Life!

Tuurki ragaa Jamaal Khaashoggii ajjeefamuu agarsiisu argadhe jette

0 219

Finfinnee, Onkololeessa 2,2011(FBC)-Tuurki ragaa viidiyoo fi sagalee gaazexeessa Jamaal Khaashoggii ajjeefamuu agarsiisu argachuu beeksiistee jirti.

Waashingi Tan Poost kaleessa akka gabaasetti qorattootni Tuurk ragaa haala ittiin gaazexeessan kun loltoota Saa’ud Arabiyaatin ugguramuun reebicha hamaa irratti gaggeessun ajjeefame agarsiisu argamuu gabaasera.

Akka maddeen Waashingi Tan Poost eeranitti Khaashoggii erga imbaasii seenee booda sagaleen isaa fi nama afaan Arabaa dubbatu biraa dhagahamaa ture,yeroo rukutanis ni dhagahama jedhaniiru.

Gama biraanis sagaleen waraabame kallattumaan Khaashoggii erga imbaasicha seenee maaltu irratti raawwatamaa akka ture kan ibsuudha jedhaniiru maddeen kunneen.

Qorannoo gaggeeffamaa jiru kanarratti Ameerikaan hirmaachaa jirti.

Doonaald Traamp gama isaaniin ajjeechaa Khaashoggii wal qabatee mootummaan isaanii qorannoo cimaa kan gaggeessu ta’uu ibsuun,dhimmicha xiyyeeffannoon qulqulleessuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Haa ta’u malee bulchiinsi Traamp rakkoo umaame kanaan wal qabatee hariiroo Saa’ud Arabiyaa kan hin laaffisne ta’uu Traamp eeraniiru.

Khaashoggii Instaambul imbaasii Saa’ud Arabiyaa seenun erga dhabamee guyyaa 10 lakkoofsisee  jira.

Maddi: Prees TV

Comments
Loading...