Fana: At a Speed of Life!

Shamarree Ityoophiyaa umurii 19 dandeettii kalaqaan dinqisiifannaa olaanaa argatte

0 134

Finfinnee, Onkololeessa 2,2011(FBC)-Shamarree Ityoophiyaa umurii 19 Beetleheem Dassee laabraatoorii Sheebaa vaalii jedhamu keessatti hojii hojjetteen dinqisiifannaa isheef qabu CNN gabaase.

Kalaqni teeknooloojii biyya keenyaa guddina irra jiruun,Beetleheem laabraatorii Ayikoog jedhamu waliin ta’uun Roobootii Soofiyaa jedhamtu hojjechuu irratti hirmaattee jirti.

Gama biraanis appilikeeshinii soofti weerii 4 hojjechuun mirkaneeffannaa abbummaa kan argatte  yoo ta’u, appilikeeshinii ishee keessayis tokko mootummaan kan itti fayyadamu laggeen misooma jallisiif  oolan kaartaa irratti agarsiisu kalaqxee jirti.

Beetleheem magaala Haraaritti kan dhalatee yoo ta’u, umurii 9 taatee suuqii eleektirooniksii abbaa ishee keessatti viidiyoo idiit gochuun maamiltootaf muuziqaa moobayilii irratti erguun galii argachuu eegalte.

Bara 2006 hojii kan eegale Ayikoog Artifishaal Intelejensi Porogiraamiing hojii biyya keessatti hojjetu hoggansa Muummee ministira Dooktar Abiyyiin guddachaa dhufee jira jedha  gabaasni CNN.

Comments
Loading...