Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaa Dargaggoota Addunyaan atileetonni Ityoophiyaa qabxii gaarii galmeessisan

0 186

Finfinnee, Onkololeessa 2,2011(FBC)-Dorgommii Shaampiyoonaa Dargaggoota Addunyaa 3ffaa Boonas Ayirasitti gaggeeffamaa jiruun atileetonni Ityoophiyaa qabxii gaarii galmeessisaniiru.

Fiigicha meetira 800 dubartootan atileetin Ityoophiyaa Hiruut Mashashaa 1ffaan yommuu xumurtu,meetira kuma 3 dhiirotaan atileet Barihuu Aragawii 2ffaan xumuree jira.

Dorgommii meetira kuma 3 dubartootan ammoo atileet Abarraash Minsaw 3ffaan xumurtee jirti.

Hojimaata haaraa shaampiyoonaa dargaggoota addunyaa 3ffaa irratti hojiirra oolun, atileetonni qabxii olaanaa galmeesisan dorgommii qaxxaamura biyyaa kiloomeetira 4 irratti hirmaachun qabxii dorgommii lamaan irraa argataniin sadarkaan isaanii murtaa’a jedhameera.

Comments
Loading...