Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantin Silovaaniyaa Ityoophiyaa daawwachuufi

0 88
Finfinnee,Onkololeessa 2,2011(FBC)-Preezdaantin Silovaaniyaa Booruut Paahoor Wiixata dhufu irraa eegalee guyyoota Sadiif Ityoophiyaatti daawwii taasisu jedhame.
 
Yeroo daawwii isaanittis Preezdaantii FDRI Dooktar Mulaatuu Tashooma fi hoggansa biraa waliin hariiroo biyyoota lamaanii fi dhimmoota idil addunyaa irratti ni mari’atu jedhamee eeggama.
 
Dabalataanis Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa waliin ni mari’atu.
 
Daawwiin kun hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsuu fi fedhii waliinii kan agarsiisu ta’uu odeeffannoon waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimmaa Alaati argame ni mul’isa.
Comments
Loading...