Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy wiilcharoota mootoraayizdii 36 deeggarsaan laatan

0 166
Finfinnee, Onkololeessa 2,2011(FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad wiilcharoota mootoraayizdii deeggarsaan argatan keessaa 36 har’a qaama miidhamtootaf laatan.
 
Dooktar Abiy gara fulduraas deeggarsa walfakkaataa taasisan kan itti fufan ta’uu sirnicharratti ibsaniiru.
 
Abbootin qabeenyaa, dhaabbileen miti mootummaa, dhaabbileen amantaa fi dhaabbileen addaddaa qaama miidhamtootaf deeggarsa akka taasisan muummee ministiraa waamicha dhiyeessaniiru.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad qaamolee amma ammaatti deeggarsa taasisan galateeffataniiru.
 
Lammiilen deeggarsi taasifameefis galateeffataniiru.
Comments
Loading...