Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni raayyaa ittisaa MM Dr Abiyyiif gaaffii dhiyeessan dhiifama gaafatan

0 279
Finfinnee, Onkololeessa 2,2011(FBC)- Miseensonni raayyaa ittisaa Fulbaana 30,2011 muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif gaaffii dhiyeessan dhiifama gaafatan.
 
Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa obbo Mootummaa Maqaasaa fi Eetaa Maajaarri Raayyaa Ittisa Biyyaa Janaraal Sa’aaraa Makoonnin miseensota raayyaa ittisaa muummee ministiraa Dooktar Abiy waliin mari’atan waliin mari’ataniiru.
 
Adeemsi miseensota raayyaa sanneenii akkaataa naamusa raayyatiinis ta’e seeran sirrii akka hin turre amanuudhan dhiifama gaafataniiru.
 
Miseensonni raayyichaa tajaajiltummaa isaanii cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
 
Miseensonni raayyaa ittisaa masaraa deemuun gaaffii dhiyeeffatan, adeemsi isaan sirrii akka hin turre waliigalteerra ga’ameera.
 
Gaaffii miseensota raayyaa ittisaa bifa hiikun danda’amurrattis mari’atameera.
 
Mariidhan booda ibsa ejjennoo abbaa qabxii 5 baasudhaan, gaaffin isaanii hojimaata dhaabbata isaanitiin akka dhiyaachuu qabuu fi rakkoo naamusaa uumuu isaanii amananiiru.
 
Seera dhaabbata isaanitiin heera mootummaatif bitamoo ta’uu osoo beekanuu, itti gaafatama hiriira nagayaa gaggeessuu dhabuuf laatameef dhiisanii karaa hin malleen socho’uun isaanii sirrii akka hin taane amananiiru.
Comments
Loading...