Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen waraanaa Ameerikaa burjaajjii saaybaraatif saaxilamoodha jedhame

0 122
Finfinnee, Onkololeessa 2,2011(FBC)- Meeshaaleen waraanaa ammayyaa Ameerikaa burjaajjii saaybaraatif saaxilamoodha jedhame.
 
Meeshaaleen waraanaa ammayyaa Ameerikaadhan hojjetaman, jeettii waraanaa F-35 dabalatee burjaajjii saaybaraatif saaxilamoo ta’anii argamaniiru.
 
Dhimmicha kan ifoomse gabaasa mootummaa Ameerikaati.
 
Akka gabaasichaatti meeshaaleen waraanaa Ammayyaa Ameerikaa appilikeeshinoota salphaadhan butamuu danda’u.
 
Waajjirri Iftoominaa Mootummaa Ameerikaa qorannaa saaxilama saaybaraa bara Faranjootaa 2012 amma 2017tti gaggeessera.
 
Qorannichis meeshaalee waraanaa hundarratti akka gaggeeffame kan ifoome.
 
Jeettii waraanaa F-35 fi miisaa’eloonni Ameerikaa appilikeeshinoota salphaadhan burjaajjiif saaxilamuu akka malan gabaasichi ni addeessa.
 
Ministeerri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa; Peentaagoon garuu gabaasa fuula 50 qabu kanaaf deebii hin laanne.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...