Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni mootummaa godina Wallagga Lixaa lammiilee buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 2.5 laatan

0 72
Finfinnee, Onkololeessa 2,2011(FBC)- Hojjettoonni mootummaa godina Wallagga Lixaa lammiilee naannoo Beenishaanguulii fi aanaalee ollaarraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 2.5 laatan.
 
Bulchaan godina Wallagga Lixaa obbo Lalisaa Waaqwayyaan akka jedhanitti, hojjettoonni deeggarsicha kan taasisan mindaa isaanii ji’aarraa %30 muruudhani.
 
Dhaabbileen amantaa fi addaddaa deeggarsa laachaa jiraachuus eeraniiru.
 
Buufataaleen lammiileen buqqa’an itti da’atan mijataa ta’uu dhabuu isaatin, dhibeen weeraraa akka hin mudanne hojjetamaa jiars jedhan obbo Lalisaan.
 
Godinichatti buqqaatonni kuma 45 ol buufataalee 15 keessa qubataniiru.
Comments
Loading...